Assalaamu Aleeykum Warahmatullaahi Wabarakaatuhu. Akkam jirtan kabajamtoota dubbistoota marsariitii Alhidaayaa nageenyi keenya kan jaalalaan guutame, mi'aawaan akka dammaa, qaaliin akka daayimandii bakkuma jirtanitti isin haa dhaqqabu isiniin jechaa, Inshaa Allaah guyyaa arraa fedhii Rabbiitiin gargaarsa isaatiin barruu gabaabduu mata dureen isii "Dargaggummaa fi barnoota" jettu qabannee gama keeysan dhufneeti jirra. Isiniis hanga xumuraatti obsaan dubbisaan affeerra keenya. Hubachiisa: akkuma dubbiftanii xumurtaniin yaada keeysan karaa saanduqa yaadaa (comment) ykn karaa email keenyaa alhidaayaa1@gmail.com irratti nuuf barreeysaa hanqinaa fi cimina jiru nuuf adda baasaa. Barruu tanaas share godhaa wal biraan gahaa.
Dubbisa gaarii !!
Umriin dargaggummaa umrii itti barannee, waan baranneenis mataa keenyaa fi maatii keenya bira dabarree addunyaa guutuu itti jijjiiruu dandeenyuudha.
Garuu dhugaan kun nu hundarraa waan dhokote fakkaata. Dargaggoonni islaamaa akka silaa nurraa barbaadamutti barumsa gam-lachuu barachaa ni jirraahiin gaaffiidha. Ilaalchi ni nuti barumsaaf qabnuuhuu nama ajaa'iba. Fakkeenyaaf irra hedduun keenya yeroo waa'ee barumsa diinii kaafnu akka waan barumsi diinii kun kan sheekkanii fi darasaa qofaatti ilaalla. Kun dhuguma lafa jiru. Akka waan nuti barachuun homaa nu hin barbaachifneetti harka marannee, afaan qabannee tetteenya. Ee miskiina wallaahi.
Gama barumsa ammayyaa deebinuus akka barbaadamutti barachaa hin jirru. Kan barumsatti xiqqollee taatu cime hamilee itti godhuu dhabuu, warra amma itti cimuuf tattaafachaa jirutti qoosuu fi qishnaa itti godhuus hojiif qabna fakkaatti. Wal jajjabeeysuun nutti jabaattee ; hamilee walii ajjeesuun nuuf laaffataa jirti. Waliif beekuu dhiisii wal beekuunilleen jabaatte. Wal wallaaluu bira kunnee wal-awwaluu eegallee jirra. Wal tahuu, waliif tahuu fi waliin tahuu lakkifnee ; wal dhahuu, waliin dhahuu fi maqaa wal xureeysinee biyya waliin gahuu aadeeyfannee jirra.
Rakkoon kun hundi sababa barumsa gam-lachuu lakkisuu fi laaffisuu keenyaatiin kan dhufeedha. Osoo kan barumsaan jabaannee fi jabaannu taanee yeruma tana hundaan mataa if gara galchinuu fi wal gara galchinuuhuu hin qabnu ture. Osoo yeroo mara barumsaan heewasamnee (busy) barumsuma sanirratti xiyyeeyfachuu malee waan biraa hin dhqqabnu ture. Akkaataa itti barumsi sun nuuf galuu fi nuuf laafu mala dhawaa oolla. Silaa yeroo hedduu mana kitaabaa (library) tti yeroo teenya gubna. Yeroo san ammoo tan duraan nu dhibdee fi nuuf galuu didde baruu bira kunneeti beekkumsa biroollee dabalachaa deemna. Rakkinoota jiran hundaaf qaama furmaataa tahuu jalqabna.
Gaafas addunyaa irratti ba'aa tahuu dhiifnee addunyaaf bu'aa taana. Teekinoolootii biraatiin heewasamuu fi shaakalamuu lakkifnee teekinooloojii haaraa uumuuf hojjanna. Kanaaf nuti akka dargaggoota Islaamaatti barumsa gam lachuu (kan amantii fi kan ammayyaa) ttiis jabaachuu qabnaan dhaamsa keenya.
Share.......!
Akkuma dubbistanii xumurtaniin share godhaa hiriyoota keeysan biraanis gahaa!!
ReplyDelete